Tuesday, October 22, 2024

Filannoo Ameerikaa: Elon Maaski filattoota Pirezidaantii Ameerikaaf carraan doolaara mil.1 kennaa jira, Kun seera qabeessaa? – BBC News Afaan Oromoo

Must read

Madda suuraa, Getty Images

Gaaffiin seera qabeessummaa onnachiiftuu maallaqaa dureessi teeknooloojii Elon Maski filattota istaatii “swing” filannoo Ameerikaa Sadaasa 5 gaggeefamu irratti hirmaachuuf iyyannoo mallatteessaniif kenne irratti ka’eera.

Iyyanni mallattoo kun kan uumame garee duula filannoo Elon Maski kan Ameerikaa PAC jedhamu yoo ta’u, gareen kun dorgommii pirezidaantummaa irratti Doonaald Tiraamp deeggaruuf kan hundeeffamedha.

Filattoonni Pensilvaaniyaa iyyannoo kana mallatteessuu isaanii qofaaf maallaqa maallaqaa dhiyaachaa jira. Akkasumas guyyaatti namni swing-state akka tasaa mallatteesse tokko badhaasa doolaara miliyoonaan lakkaa’amu kennamaa jira.

Garuu ogeeyyiin seeraa, gochi namni tokko akka mallaqaaf jedhee nama tokko akka filatuuf maallaqa dhiyeessuun seera Ameerikaa kan cabsuu maluu jechuun yaada dhiyeessan.

Haaluma kanaan BBC’n Maski fi garee PAC Amerikaa jedhaman kana qunnamee jira.

Maaski maal dhiyeessaa jira?

Iyyanni mallattoo (petition) Ameerikaa PAC’n uumame kun filattootni kutaalee ja’a, isaanis Joorjiyaa, Nevaada, Arizoonaa, Michigaan, Wiiskonsin fi Kaaba Kaarolinaa bilisummaa dubbii fi mirga meeshaa waraanaa qabachuu deggeru” akka mallatteessan jajjabeessa.

Kanneen filattota biraa mallatteessisan tokkoon tokkoon isaaniif doolaara 47 akka argatan waadan galame.

Pennisyleevaniyaa keessatti mallatteessuf ykn filachuuf maallaqni gudaan kennamu doolaara 100 yoo ta’u, bakki kun injifannoo Tiraampi fi Haaris bakka murteessaa akka ta’etu amanama.

Ameerikaan PAC akka jedhutti warri iyyata kana mallatteessan fooyya’iinsa Heera Mootummaa Ameerikaa Tokkoffaa fi Lammaffaa deeggarsa isaanii agarsiisaa jiru.

Guyyaa guyyaan hanga guyyaa filannoo Sadaas 5tti, badhaasni doolaara miliyoona 1 kun namoota kutaalee ‘swing’ torban keessaatti petition mallatteessan tokkoof carraadhan ni kennama.

Cheekiin jalqabaa akkaataa lootariitiin hojjetame Onkoloolessa 19 sagantaa galma magaalaa Pensilvaaniyaa keessatti qophaa’e irratti namootaf kennameera.

Wayiat Elon Muski wayita kanneen duula iyyata mallatteessuu irratti hirmaatanii caraan qaqqabeeff doolaara miliyoona 1 kennan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa’ee suuraa, Wayiat Elon Muski wayita kanneen duula iyyata mallatteessuu irratti hirmaatanii caraan qaqqabeeff doolaara miliyoona 1 kennan

Garuu kun seera qabeessaa?

”Dhiyeessiin kun [Elon] seeraan ala ta’uu hin oolu jedheen amana,” jedhan Yunivarsiitii Joorji Waashingitan keessatti piroofeesara seeraa kan ta’an Pool Shiif Berman.

Seera filannoo Ameerikaa kan namni kamiyyuu “sagalee kennuudhaaf galmaa’uufis ta’e sagalee kennuudhaaf kaffaltii kaffalu ykn fudhatu” maallaqa doolaara kuma 10 ykn hidhaa waggaa shaniin akka adabamu akeekeera.

”Dhiyeessiin mallaqaa kunis filattota galmaa’aniif qofa banaadha, kanaaf tumaa seeraa kana kan cabsu natti fakkaata,” jechuun Mr Berman BBC’tti himaniiru.

Ministeerri Haqaa Ameerikaa dhimma kana irratti yaada kennuu dide.

Komishiniin Filannoo Federaalaa (FEC) tarsiimoon kun qaawwa wayii qabaachuu mala, sababiin isaas namni kamiyyuu filannoo irratti kallattiin galmaa’uuf ykn sagalee kennuuf miti kan kaffaltiinkaffalamaafi jiru Iyyata mallatteessuf malee jechuun dura taa’aan duraanii FEC tokko yaada kennan.

”Filachuuf galmaa’uuf kaffaltii isaaniif hin kaffalamu. Iyyata akka mallatteessaniif kaffaltii isaaniif kaffalamaa jira – namoota galmaa’an qofatu iyyata kana akka mallatteessan barbaada.”

Piroofeesarri seera heera mootummaa Jeremy Pawul, Yunivarsiitii Northeastern School of Law waliin, iimeelii BBC’f erganiin Maski qaawwa seeraa fayyadamaa jiru jedhan.

Dhiheessin akkasii seeraan ala ta’uu danda’a jedhamee falmiin kan ka’u ta’us, “waan seera ta’uu qaba jedhamee yaadamu bira darbuuf kan xiyyeeffatee fi kan qophaa’edha” jechuun dhimmichi mana murtiitti dhiyeessuunis rakkisaa ta’a jedhee amana.

Dimookiraatonni maal jedhan?

Paartii Dimookiraatotaa irraa bulchaan Pensilvaaniyaa Joosh Shapiroo, , tarkaanfii kana ”baay’ee yaaddessaa” jechuun ibsuun, qaamoleen seera kabachiisan akka qoratan gaafataniiru.

Dhimma kana irratti deebii kan kennan Elon Mask ”inniyyuu waan akkasii dubbachuun isaa yaaddessaadha” jedha.

Torbeewwan darban keessa Kamala Hariisiif duula kan taasisan invastimentiin biliyeenara Maark Kuubaan, dhiyeessichi kalaqaa fi abdii kutachiisaa ta’uu dubbataniiru.

Invastimentiin biliyeenara Maark Kuuban torban darban keessa Kamala Hariisiif duula filannoo kan taasisan yoo ta’u, dhiyeessiin kun ”kalaqaa fi abdii kutannaa” ta’uu dubbataniiru.

“Dirqama jettee waan yaaddeef kana goota, garuu sakatta’iinsa fayyadamuun yaada hamaa miti, hojjechuus ta’uu baatus waan biraati. Salphaatti duubatti deebi’uu danda’a,” jechuun CNBCtti himeera.

Elon Maski Dimookiraatonni fi arjoomtonni isaanii kanaan dura jalqabbii walfakkaataa maallaqaan gargaaraniiru jechuun falmaniiru.

Fuula miidiyaa isaa X irratti akka maxxansetti, hogganaan Meta, Mark Zuckerburg “bara 2020ttis akkasuma hojjete” jedheera.

Zuckerburg filannoo bara 2020 irratti doolaara miliyoona 400 arjoomaniiru sun garuu dhaabbilee paartii hin taane lamaa kan loojistikii waraqaa sagalee miijessuuf malee Kallattiin filattotaaf hin kennamne.

Dureessi addunyaa kun wayita Tiraamp pirezidaantii turanitti Tiraamp waliin hariiroo akka ammaa hin qaban ture. erga waggoota dhiyoo asitti Dimookiraatota irratti mufannaa qabaniin hordoftoonni isaanii Rippabilikaan akka filataniif jajjabeessaa jiru.

Bara kanas siyaasa Ameerikaa keessatti akka kanaan dura hin beekamneetti of hirmaachisuun, Rippabilikaanota hedduu bakka bu’uun arjooma fi maxxansa miidiyaa hawaasaa deggersaa godheera.

Hanga ammaatti yoo xiqqaate doolaara miiliyoona 75 arjoomeera.

Latest article